Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan Turki irra qoqqobbi keesse

0 954

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2012 (FBC) – Ameerikaan miidhaa waraanaa Turki daanga Sooriyaa irratti qaqqabsiisaa jirturratti ilaalchisuun waajjiroole ministira Turkii lamaa fi aanga’oota olaanoo sadirra qoqqobbi keesse

Preezdaant Traamp gita isaani Tuurki Xaaybi Eerdoohaniif bilbila kan bilbilaan yoo ta’u, haasaa bilbilaan taasisaaniin wal waraansi dhaabbachuu akka qabu irratti akak ta’e Itti Aanaan Preezdaant Maayk Peensi himaniiru.

Turki loltoota ishee naannoo daangaa Sooriyaa waliin waldangeessuttu kan bobbaafte nageenya naannichaa eeguuf akka ta’e irra deddeebiin himteetti.

Dilbata darbe waashingtaan irra jecha isaani kan kennan Ministirin Maallaqaa Isteevaan Maanchiis qoqqobbiin kun cimaadha, diinaagdee Turkii miidhuu danda’a jedhaniiru.

Qoqqobbichi wajjiroole ministira lama kan ilaallatu yoo ta’u, dhaabbileen kunniin waajjiroole Ministira Raayyaa Ittisaa fi Ministira Inaarjiiti jedhaniiru.

Walitti bu’insichaan hanga ammaatti namoonni kuma dhibba 1 fi kuma 60 qe’ee isaanii gad-dhiisanii kan baqatan ta’uu Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii kan beeksise yoo ta’u, lammiilee nagaan 50 Sooriyaa keessatti 18 ammoo daanga Kibba Turki irratti ajjeefamu isaani ragaan ni hubachiisa.

Humnoonni Kurdii loltoota 56 ajjeessu kan himan yoo ta’u, Turki gama isheetiin loltoota 3 fi jaallattoota Turki du’uu isaani ibsiteetti.

 

 

Comments
Loading...