Fana: At a Speed of Life!

Raayyaan ittisaa Jibuutii daangaa cee’uun miidhaa hin qaqqabsiisne- Ministeera Raayyaa Ittisaa

0 228

Finfinnee, Onkololeessa 3, 2012 (FBC) – Odeeffannoon raayyaan ittisaa Jibuutii daangaa Ityoophiyaa cee’uun miidhaa qaqqabsiisera jedhu soba- Ministeera Raayyaa Ittisaa FDRI

Ministeerichi Tajajaila Oduu Ityoophiyaatti akka himetti, miseensi raayyaa ittisaa Jibuutii daangaa Ityoophiyaa cee’uun naannoo Afaaritti miidhaa qaqqabsiise hin jiru.

Odeeffannoon tamsa’es soba jedhaniiru itti gaafatamaan Waajjira Itti Aanaa Eetaamaajooraa Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI Koloneel Tasfaayee Ayyaaleew.

Jibuutiin Ityoophiyaa weeraruuf yaada kan hin qabne ta’uu ibsanii, hariiroon biyyoota lamaanii fi ummattummaa cimaa ta’uu yaadachiisaniiru.

Biyyoota lamaan jiddiitti sababiin walitti bu’iinsaf ta’u tokkollee hin jiru jedhaniiru.

Yaata’uutii lafa dheedaa, bishaanii fi sababiiwwan xixiqqaadhan walitti bu’iinsi darbee darbee kan mudatu ta’uu ibsaniiru.

Kanas adda baasuuf raayyaan ittisaa naannichatti socho’uu eeraniiru.

Comments
Loading...