Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Galiiwwanii kurmaana jalqabaa bara baajataa 2012tti Birrii biiliyoona 57.3 sassaabe

0 140
Finfinnee, Onkololeessa 3, 2012 (FBC) – Ministeerri Galiiwwanii kurmaana jalqabaa bara baajataa 2012tti galii Birrii biiliyoona 57.3 sassaabuusaa beeksise.
 
Ministeerichi galii Birrii biiliyoona 57.3 sassaabus, karoorrisaa Birrii biiliyoona 56 walitti qabuu ture.
 
Kunis raawwiin isaa karooraa ol; %102 ta’uu agarsiisa.
 
Kan bara darbe yeroo walfakkaataarraa daballii Birrii biiliyoona 12.9 yookin %29 ta’uu muul’isa.
 
Galii kana keessaa %54 galii biyya keessaarraa, %46 ammoo galii guumruukaarraa kan argamedhan.
 
Kurmanaichatti dhaabbileen nagahee sobaatin daldala raawwatan 16 to’annaa jala oolfamaniiru.
 
Nagahee sirnaan kan hin laanne shakkamtoonni 50 to’atamanii, Birrii miiliyoona 2.6 akka adabaman ta’eera.
Comments
Loading...