Fana: At a Speed of Life!

Keeniyaatti miidhaa qaqqabsiifameen lubbuun humnoota nageenya 10 darbe

0 575

Finfinnee, Onkololeessa 3, 2012 (FBC) – Keeniyaatti miidhaa konkolaataa irratti qaqqabsiifameen lubbuun humnoota nageenya 10 darbe.

Keeniyaa Gaarrisaa naannoo daanga Somaaliyaa daandii Liiboo’i fi Daamajaalee giddutti argamu irratti dho’insa konkolaataarratti qaqqabsiifameen lubbuun humnoota nageenyaa 10 darbuu poolisiin ibseera.

Miidhaa qaqqabsiifame kana Alshabaabtu qindeessu hin oolu jedhameera.

Naannoo miidhaa kun itti qaqqabeetti humnoonni nageenyaa hedduun bobba’u gabaasichi ni hubachiisa.

Maddi:- CGTN Afrikaa

 

Comments
Loading...