Fana: At a Speed of Life!

Karoora misoomaa waggaa 10tin jiddugaleessaan guddina %10 galmeessisuun karoorfameera

0 108
Finfinnee, Onkololeessa 3, 2012 (FBC) – Karoora misoomaa waggaa 10tin jiddugaleessaan guddina %10 galmeessisuun karoorfameera.
 
Koomiishinarri Koomiishinii Plaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsuum Asaffaan akka jedhanitti, karoora misoomaa waggaa 10(2013-2022) guddina %10 galmeessisuun karoorfameera.
 
Dameewwan xiyyeeffannaa fi diinagdee maakroorratti hoggansa mootummaa waliin mariin taasifameera.
 
Akkaataa karoorichaatin bara 2022tti Ityoophiyaan Afrikaarraa fakkeenya badhaadhinaa ni taati jedhameera.
 
Qonna, indaastirii oomishaa, tuuriizimii, qabeenya albuudaa, innooveeshinii fi teeknooloojii, qabeenya humna namaa, misooma bu’uuraalee fi magaaladhaaf xiyyeeffannaan kennamee ni hojjetama jedhameera.
 
Galiin dhuunfaas baatitti Doolaara Ameerikaa 3,260 ni qaqqaba jedhameera.
Comments
Loading...