Fana: At a Speed of Life!

Jaappaan lubbuu baraartota kuma dhibba 1 fi kuma 10 ol bobbaafte

0 455

Finfinnee, Onkololeessa 3, 2012 (FBC) – Jaappaan obomboleetti Taayfoon Haagbiis mudateen walqabate lubbuu baraartota kuma dhibba 1 fi kuma 10 ol bobbaafte

Obomboleettin roobaan walmake kanaan lubbuun namoota 37 yoo darbu, namoonni 20 ammoo achi buuteen isaanii hin argamne.

Obomboleettiin kun dorgommiin Waancaa Addunyaa Raagbii akka haqamus godheera.

Taphni Jaappaanii fi Iskotilaand garuu adeemsifameera.

Obomboleessi kun yeroo ammaa hir’acha dhufeera.

Poolisoonni kumaatamatti lakka’aman, hojjettoonni balaa ibiddaa ittisa fi eegdonni daanga  namoota sigiga lafaa fi lolaan middhaman baraaruuf hojjechaa jiru.

Obombolettiin kun saffisa qilleensa sa’aatitti kiiloo meetra dhibba 2 fi 25 qaba ture.

Bakka dhaabbi baabura Naagaanoo lolaan kan guutame yoo ta’u, baaburoota saffisa 10 ammoo lolaan liqimfamaniiru.

Waajjiri Muummee Ministira Jaappaan lubbuu baraartonni xiyyeeffannoon isaani namoota achi buuteen isaani dhabamee fi manneen lolaan miidhamanii ta’a jedheera.

Miidhaa kanaan manneen  kuma 92 ta’an tajaajill elektiriki irraa yoo citu, manneen jireenyaa kuma dhibba 1 fi kuma 20 ta’an ammo tajaajjila bishaani argacha hin jiran.

Maddi:- BBC

Comments
Loading...