Fana: At a Speed of Life!

Waag Himraa aanaa Saqooxaatti balaa tiraafikaa qaqqabeen lubbuun namoota 17 darbe

0 361

Finfinnee, Onkololeessa 1, 2012 (FBC) – Naannoo Amaaraa bulchiinsa sablammii Waag Himraa aanaa Saqooxaatti balaa tiraafikaa qaqqabeen lubbuun namoota 17 darbe.

Balichi konkolaataan geejiba ummataa Waldiyaarraa gara Saqooxaa osoo imalaa jiruu kan qaqqabe ta’uu waajjirri poolisii aanicha aeerera.

Balichi kaleessa naannoo sa’aa 11:30tti qaqqabe.

Namoonni balichaan miidhaman 7 hoospitaalatti deeggarsa yaalaa argacha ajiru.

Konkolaatichi namoota 12 fe’uun soo irra jiruu 25 fe’ee imalaa turera.

Comments
Loading...