Fana: At a Speed of Life!

Iiluud Kiipchoogeen fiigicha maaraatoonaa sa’aa 2 gadiin xumuruun akka danda’amu mirkaneesse

0 306

Finfinnee, Onkololeessa 1, 2012 (FBC) – Atleetiin Keeniyaa Iiluud Kiipchoogeen fiigicha maaraatoonaa sa’aa 2 gadiin xumuruun akka danda’amu mirkaneesse.

Fiigicha Oostiriyaa Veenaatti har’a qophaa’erratti atleetichi sa’aa 1, daqiiqaa 59 fi sakandii 40 fageenyicha xumuruudhan nama jalqabaa ta’eera.

Yaata’uutii qophicharratti atleetonni biroo waan hin hirmaatiniif akka riikardii haaraa galmeessisuutti hin lakkaa’amu jedhameera.

Atleetichi sa’aa xiqqaa kanaan dura galmaa’e; sakandii 20n hir’isuudhan xumureera.

Comments
Loading...