Fana: At a Speed of Life!

Booru guutuu Oromiyaatti hiriirri gammachuu ni gaggeeffama

0 300

Finfinnee, Onkololeessa 1, 2012 (FBC) – Booru guutuu Oromiyaatti hiriirri gammachuu ni gaggeeffama.

Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad badhaasa Noobeelii nageenyaa bara Faranjootaa 2019 injifachuu isaanitiin booru Onkololeessa 2,2012 guutuu Oromiyaatti hiriirri gammachuu ibsannaa ni gaggeeffama jedhame.

Itti aanaan hogganaa Biiroo Dhimmoota Koominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Dheeressaa Tarrafaan akka ibsanitti, hiriirichi hiriira gammachuu ibsannaati.

Hiriirri gammachuu kunis godinaalee, aanaalee fi bulchiinsota magaalaa Oromiyaa maratti ni gaggeeffamu jedhaniiru.

Obbo Dheeressaan injifannichi kan ummata maraa ta’uu eeranii, daran tokkummaa ummataa cimsuun injifannoo caalmaatti cee’uuf ni gargaara jedhaniiru.

Comments
Loading...