Fana: At a Speed of Life!

Namtichi nyaata dhiyyaateef keessatti rifeensa arguun rifeensa haadha warraasa haade to’atame

0 165

Finfinnee, Fulbaana 30, 2012 (FBC) – Namtichi Lammii Baangilaadesh nyaata isaaf dhiyaate keessatti rifeensa arge rifeensa haadha warraa isaa dirqiin irraa haaduun isaa himame.

Yeroo tokko tokko nyaata nyaannu keessatti ofeeggannoo taasisuu dhabuu irraan kan ka’e wantoonni hin malle argamuu malu.

haata’uti, Baangilaadeshitti ciree isaaf dhiyyate irratti rifeensa arguun ejjennoo namichi haadha warraa isaa fudhate bayyoota aarseera.

Namni umurii 35 Baabiluu Moondaal jedhamu ta’ichatti hedduu aaruun nyaaticha kan qophheessite rifeensa haadha warraa isa dirqiin irraa haaduunsa dhaga’ameera.

Gocha gaddisiisa kana haadha warraa isaarratti kan raawwate Baabiluun to’anno poolisii jala oolerra.

Poolisiin Baabiloon gocha kana ta’e jedhe haadha warraasa miidhuuf kan raawwatedha jechuun himateera.

Maddi ፦dailymail.co.uk

Comments
Loading...