Fana: At a Speed of Life!

Doonii Iiraan gaazii fe’etti ibiddi qabachuun ibsame

0 359

Finfinnee, Fulbaana 30, 2012 (FBC) – Doonii Iiraan gaazii fe’e galaana diima naannoo Jiddaatti ibiddi itti qabachuun ibsame.

Qabeenyumman isa Dhaabbata Gaazii Biyyoolessa Iiraan kan ta’e dooniin gaazii fe’u buufata doonii Sawudi magalaa Jiddaa irra fageenya kiiloo meetra 120 irratti ibiddi itti qabachuu himameera.

Doniin kanatti ibiddi itti qabachuuf ka’umsa kan ta’e dho’insa shoroorkeesittoonni raawwataniin ta’u hin oolu xinxalli jedhutu ibsamaa jira.

Dho’insichii miidhaa guddaa doonii kana irraan kan ga’e yoo ta’u, dibanni gaazii galaana irratti dhangala’u midiyaan Iiraan gabaaseera.

Sawud Arabiyaa dhimmicha irratti ibsa kennu irra of qusatteetti jedhame.

Ameerikaan waggaa dabarsine Iiraan waliigaltee niwukileeri keessaa of baasuu fi Teehraan irratti qoqqobbi diinaagde kaa’uun walqabatee hariiroon giddu isaani laaffachaa dhufeera.

Teehraan naannoo sarara galaana Haarmuuzitti xiyyaara nama maleessa Ameerikaa qilleensa irra rukutuun kuffisuun ishee ni yaaddatama.

Dhiyeenya kuusaa gaasii Sawud Arabiyaa irratti hidhattoota Haawutin kan raawwatame akka harqi Iiran keessa jiru Sawud Arabiyaa fi Ameerikaan yakkaa akka turan gabaasichi ni hubachiisa.

Maddi:- Aljeziiraa

Comments
Loading...