Fana: At a Speed of Life!

Warshaan Daakuu Galaanitti Birrii miiliyoona 42 oliin ijaarrame ebbifame

0 110

Finfinnee, Fulbaana 29, 2012 (FBC) – Warshaan Daakuu magaalaa Galaanitti Birrii miiliyoona 42 oliin ijaarrame ebbifame.

Warshaan Daakuu Boqqoolloo Federeeshinii Qonnaan Bultoota Oromiyaatin magaalaa Galaanitti ijaarrame bakka itti aanaan preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa, hoggansi federaalaa fi naannoo argamanitti ebbifameera.

Warshichi guyyaatti daakuu kuntaala 1000 hanga 1500tti oomishuu danda’a.

Warshaan kun boqqoolloo daakee, sona itti dabaluudhan, saamsuun gabaaf ni dhiyeessa jedhameera.

Warshichi carraa hojii namoota 200 ta’aniif uumuu danda’a.

Comments
Loading...