Fana: At a Speed of Life!

Dureewwan biyyootaa Finfinnee galaniiru

0 147

Finfinnee, Fulbaana 29, 2012 (FBC) – Dureewwan biyyoota addaddaa Finfinnee galaniiru.

Muummee ministiraa Suudaan Abdallaah Amdook har’a barfata Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee yammuu ga’an, muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad, ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Gadduu Aandaargaachawii simannaa taasisaniifiru.

Preezdaantichi Ityoophiyaan hoggansa Dooktar Abiyyiin Sudaanitti nagaa fi tasgabbiin akka bu’u gumaacha olaanaa taasisuushee ibsaniiru.

Dooktar Abiy Ahimad dabalatee hoggansa biroo waliin ni mari’atu jedhamaniit eegamu.

Dabalataan preezdaantiin Sudaan Kibbaa Saalvaa Kiir Maayardiit, preezdaantiin Soomaaliyaa Mohaammad Abdullaahii Mohaammad, preezdaantiin Yuugaandaa Yuweerii Museveenii fi preezdaantiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaattaan Finfinnee galaniiru.

Preezdaantonni lamaanuu Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee yammuu ga’an muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad simannaa taasisaniifiru.

Dureewwan kanneen ebba Paarkii Tokkummaarratti ni argamuun eegamu.

Comments
Loading...