Fana: At a Speed of Life!

Koomiishinichi, Ityoophiyaan baqattoota keessummeessuurratti sochii taasiste dinqisiifate

0 118

Finfinnee, Fulbaana 29, 2012 (FBC) – Koomiishiniin Olaanaa Dhimma Baqattootaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Ityoophiyaan baqattoota keessummeessuurratti sochii taasiste dinqisiifate.

Walga’iin raawwachiistota Koomiishinii Olaanaa Dhimma Baqattootaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 70ffaan Fulbaana 26 amma Fulbaana 30,2012tti Jeeneevaa Swiizarlaanditti gaggeeffamaa jira.

Waltajjichaan Ityoophiyaan naannichatti nagaa fi tasgabbiin akka bu’uu fi baqattoonni simatamanii akka keessummeeffaman hojii dansaa hojjetteetti jedhameera.

Koomiishinarri koomiishinichaa Filiippoo Graandiin sochii Ityoophiyaa kana dinqisiifataniiru.

Ityoophiyaan baqattoota simattee, keessummeessuun, baqattoonni jireenya fooyya’aa akka jiraatan hojjetteetti jedhaniiru.

Hojii kana cimsuufis caalmaan hojjechuun akka barbaachisu waamicha dhiyeessaniiru.

Ityoophiyaa bakka bu’uudhan itti aanaan daayreektara olaanaa Eejansii Baqattootaa fi Baqannaadhaa Deebitootaa obbo Addisuu Qabbaneessaa fi Jeeneevaatti ergamaan addaa fi Ambaasaaddarri Guutuu FDRI Zannabaa Kabbadaan hirmaataniiru.

Obbo Addisuu Qabbaneessaan Ityoophiyaan baqattoota 940,000 ol simattee keessummeessaa jiraachuu fi imaammata ittiin keessummeeffaman qopheessuun hojiirra oolchuu eeraniiru.

Comments
Loading...