Fana: At a Speed of Life!

Dhibee gifiraa bara kana ka’een lubbuun lammiile kuma 4 ol darbe

0 214

Finfinnee, Fulbaana 29, 2012 (FBC) – Demokiraatik Rippabiliik Koongootti dhibee gifiraa bara kana ka’een lubbuun lammiile kuma 4 ol darbuun ibsameera.

Mootummoota Gamtoomanitti Dhaabbanni Daa’imani gabaasa kaleessa baaseen dhibee gifiraa bara kana ka’een lubbuun lammiile Demokiraatik Rippabiliik Koongoo kuma 4 ol darbuu ifoomseera.

Tatamsa’inni dhibee kanaa sadarkaa idila addunyaatti olaanaa yoo ta’u, bara Faranjoota Amajii irra eegalee guutummaa biyyatiitti lammiilee kuma 200 ta’an dhukkubsatoota dhukkuba gifira ta’uu galmaa’ameera.

Kanneen keessa daa’iman kuma dhibba 1 fi kuma 40 yoo ta’an, daa’iman umuriin isaani wagga 5 gadi ta’e kannen du’an keessa ga’ee %90 qabateera.

Duma ji’a kanaa duulli taalalli biyyatti gaggeeffama akka jiru ibsameera.

Haata’uti hubannoo biyyattin taalaalliif qaban gad-aanaa ta’u, soda nageenyaa fi waliin ga’insa tajaajila fayyaa hojiin  tataamsa’ina dhibichaa to’achuu hojjetamu rakkisadha jedhame.

Bara Faranjoota Waxabajjii 2018 eegale kutaa Baha biyyatti lammiileen kuma 2 ol vaayrasi Iboolaan du’un isaani ni yaaddatama.

Maddi:- CGTN Afrika

 

Comments
Loading...