Fana: At a Speed of Life!

Bara baajata 2012 tti ijaarsa projektoota daandii 16 xumursiisuuf hojjetamaa jira

0 129

Finfinnee, Fulbaana 29, 2012 (FBC) –Bara baajata 2012 tti ijaarsa projektoota daandii 16 baasii birri biiliyoona 1.6 olii xumursiisuuf hojjetamaa jiraachuu Abbaan Taayitaa Daandiiwwaan magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Abbaan Taayitichi Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti akka ibsanitti projektoonni daandichaa ballina meetra 15-40 akka qabaataan taasisuun hojjetamaa jira.

Abbaan Taayitaa Daandiiwwaan magaalaa Finfinnee waggaan tajaajila geejjiba magaalitti caalumatti gaarii taasisuuf projekltoota haaraa ijaaruuf gara hojiitti galuun isaa ni yaaddatama.

Ragaan Abbaa Taayitichaa akka mul’isutti, bara baajataa 2011projektoota daandii 22 xumuruun gara hojiitti galeera.

Abbaan Taayitichi yeroo ammaa kana ijaarsa irratti kan argaman projektoota daandii 100 ol akka bulchaa jiru Daayreektarri Kominikeeshinii Abbaa Taayitichaa obbo Xi’umaay Walda Gabreel himaniiru.

Abbaan Taayitichaa projektoota kanneen keessa bara kana ijaarsoota 16 xumursiisuuf hojjechaa jiraachu ibsameera.

Projektoota bara kana xumuramu jedhamee eeggamu keessa daandiiwwaan naannoo Haylee Gaarmeent, Qeeraa Gofaa, Jamoo 3 akkasumaas Qaalitti, Masalxanyaa, naannoo Bulbulaa fi Qilinxoodha jechuun Zufaan Kaasahuuntu gabaase.

 

 

 

 

Comments
Loading...