Fana: At a Speed of Life!

Balaa konkolaataa Adoolaa Reeddeetti qaqqabeen lubbuun namoota 2 darbee, namoonni 35 miidhaman

0 279

Finfinnee, Fulbaana 29, 2012 (FBC) – Balaa konkolaataa kaleessa Adoolaa Reeddeetti qaqqabeen lubbuun namoota 2 darbee, namoonni 35 miidhaman.

Konkolaataan geejiba ummataa TATA lakkoofsi gabatee 47656 E.T koodii 3, Finfinnee irraa gara magaalaa Shaakkisootti namoota 65 fe’ee osoo imaluu garagareeti kan qaqqabe.

Balichi godina Gujii aanaa Adoolaa Reeddee gaara Anfaraaraa iddoo addaa Tarba Utaa Mazooriyaa jedhamuutti kan qaqqabe.

Balaa konkolaataa kanaan lubbuun nama 2 yoo darbu, namoonni 35 ammoo salphaa fi cimaa miidhamaniiru.

Miidhamtootaf Hoospitaala Waliigalaa Adoolaa Waayyuutti deeggarsi yaalaa taasifamaafii jira.

Itti gaafatamaan Abbaa Taayitaa Geejibaa aanaa Adoolaa Reeddee obbo Ashannaafii Galgaloon akka waajjira dhimmoota koominikeeshinii aanichaatti himanitti sababiin balichaa qorataamaa jira.

Comments
Loading...