Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan miidhaa qilleensarraan Taalibaan irratti raawwatteen lubbuun nama 30 darbe

0 326

Finfinnee, Fulbaana 29, 2012 (FBC) – Ameerikaan ji’a Bitooteessa darbe giddugala baala sammuu namaa hadhoochu  garee hidhatani socho’aan Taalibaan irratti miidhaa qilleensarraan raawwatteen lubbuun lammiile nagaa 30 darbuun himame.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii dhimmicha ilaalchisuun gabaasa har’a baaseen Ameerikaan ji’a Bitoottessa darbe Afgaanistaanitti qabeenyummaa isaa kan garee hidhate socho’u Taalibaan kan ta’e giddugala baala sammuu namaa hadhoochu irratti qilleensarraan miidhaa qaqqabsiifteetti.

Bu’uruma gabaasa kanaan miidhaan qilleensarraan qaqqabeen lammiile nagaa 49 ta’an irratti miidhaa cimaan qaqqabuu ibsameera.

Kanneen keessa lammiilee nagaa 30 lubbuun darbuu himameera.

Miidhaan qilleesarran raawwatame kun mirga namoomaa idila addunyaa kan cabsee fi gocha itti gaafatamummaan itti hir’ate ta’u ibsameera.

Haata’uti Ameerikaan gabaasa dhaabbanni mootummoota gamtoomanii baase kana kufaa taasifteetti.

Maddi:- Aljeziiraa

 

Comments
Loading...