Fana: At a Speed of Life!

Shoroorkeessummaa gaanfa Afrikaa ittisuuf waliigalame

0 123

Finfinnee, Fulbaana 28, 2012 (FBC) -Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyoolessaa Tajaajjila Nageenya Idila Addunyaa Biriitaaniyaa waliin qindoominaan shoroorkeessummaa gaanfa Afrikaa ittisuuf waliigalan

Tajaajjilli Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyoolessaa Ityoophiyaa Tajaajjila Nageenya Idila Addunyaa Biriitaaniyaa (MI 6) waliin qindoominaan shoroorkeessumaa gaanfa Arikaatti babballachaa dhufe ittisuuf waliigalaniiru.

Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyoolessaatti Daayreektar Jeneraal Komishinar Damilaash Gabra Mikaa’eel Hogganaa Tajaajjilli Nageenya Idila Addunyaa Biriitaaniyaa Aleeks Yaangir waliin soda haala nageenyaa fi shoroorkeessumaa Ityoophiyaa fi gaanfa Afrikaa irratti waliin mari’ataniiru.

Marichaanis gaanfa Afrikaatti sochii taasisaa kan jiran garee shororkaa Alshabaabii fi IS sochii isaani ittisuuf hojii raga waljijjiiru eegalamee ciminaan itti fufsiisuun shoroorka gaanfa Afrikaa waliin ittisuuf waliigalteera ga’uun beekkameera.

Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyoolessaa humna namaan, ijaarsaan, qajeelfamaa fi teekinoolojiin mataa isaa cimsuu kan dandeessisu hojiiwwan riifoormi hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, dhaabbatichi ergama isaa karaa sirriin raawwachuuf kan dandeesiisu fooyya’insa seeraa taasisa kan jiru ta’u hoggantichaaf ibsaniiru.

Komishinar Damilaash Tajaajjilli Nageenya Idila Addunyaa Biriitaaniyaa irraa muuxxannoo damee odeeffannoo fi nageenyaa qabdu gita ishee dhaabbata Ityoophiyaaf dabarsuuf waliigaltee irra kan ga’ame yoo ta’u, shroorkeessuuma waliin ittisuun ammoo faayida gudda qaba jedhaniiru.

Biyyoonni lameen hariiroo cimaa akka qaban kaasuun, hariiroo waliin qabnu kana gara sadarkaa caalutti guddisuuf waliigaltee irra ga’u himaniiru.

 

Comments
Loading...