Fana: At a Speed of Life!

Lammiilee miiliyoona 1.5f carraa hojii dhaabbii uumun karoorfameera

0 98

Finfinnee, Fulbaana 28, 2012 (FBC) – Sadarkaa magaalaatti lammiilee miiliyoona 1.5f carraa hojii dhaabbii uumun karoorfameera.

Eejansiin Carraa Hojii Uumuu Magaalotaa fi Wabii Nyaataa Federaalaa, Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti akka himetti, carraan hojichaa mindeessuu fi intarpiraayizootan kan uumamudha.

Carraa hojii intarpiraayizootan uumamuuf liqaan Birrii biiliyoona 9 qophaa’era.

Daayreektarri eejansichaa obbo Niwaay Altaayyen bara kana dargaggoota miiliyoona 1.5f carraa hojii dhaabbii, kuma 300f ammoo carraa hojii yeroo uumun karoorfameera jedhaniiru.

Intarpiraayizoota kuma dhibba 1 fi kuma 85 ol hundeessudhaan, dargaggoota kuma 800f carraan hojii ni uumama jedhan.

Carraaleen hojichaas dameewwan shaniin; oomisha, qonna magaalaa, tajaajila, koonistiraakshinii fi daldalaan uumama.

Haaluma kanaan naannoo Oromiyaatti lammiilee 440,000, Amaaraatti 314,000, Kibbatti 286,000, Tigraayitti lammiilee 110,000 carraa hojii uumun karoorfameera.

Zuufaan Kaasaahuuntu gabaase.

Comments
Loading...