Fana: At a Speed of Life!

Jilli shaampiyooni atleetiksii Dohaa Addunyaa irraa sadarkaa 5ffaa qabachuun xumure simatame

0 181

Finfinnee, Fulbaana 28, 2012 (FBC) – Yeroo 17ffaaf Kuwaatar Dohaatti Fulbaana 16-25, 2012 kan gaggeeffame shaampiyooni atleetiksii idila addunyaa irratti hirmaachuun sadarkaa 5ffaan kan xumuraniis simannaan tasiiffameera.

Jilichi warqee lamaa, meetii shaan fi naasa tokko walumaagalatti meedaliyaa saddeetin addunyaa irra sadarkaa 5ffaa yoo ta’u, Afrikaa irraa ammo sadarkaa 2ffaa xumuruun guyyaa har’aa Finfinnee galeera.

Jilli kun buufata xiyyaara Boolee Finfinnee yoo ga’u Ministiri Aadaa fi Turizimii Dooktar Hiruut Kaasaaw, Deettaa Ministiri Aadaa fi Turizimii obbo Habtamuu Sisaay, Itti aanaa Komishinara Komishini geejjibaa obbo Geetaachaw Baalchaa, Preezidaanti koree Olompikii Ityoophiyaa Dooktar Ashabbir Waldagiyoorgiis fi Itti aanaa Preezidaanti Federeshinii Atleetiksii Ityoophiyaa Atleet G/Izhi’abheer G/Maariyaam simanna taasisaaniru.

Comments
Loading...