Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii ji’a dhufu miinda hojjettoota isaaf kaffalu dhabuu mala – Guuteerez

0 354

 

Finfinnee, Fulbaana 28, 2012 (FBC) – Biyyoonni Miseensa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kaffalti isaan irraa barbaachisu dhaabbatichaaf yoo hin raawwanne, miinda hojjetoota ji’a dhufu kaffalu dhabamuu akka maluu hogganaan barreessaa dhaabbatichaa Antooniyoo Guuteerez akeekkachiisan.

Guuteerez dhaabbatichi ji’a Amajii darbe irraa eegale otuu baasi qusachuu baate, walga’ii hoggantoota yeroo darbe gaggeeffame qopheessu hin danda’u ture jedhan.

Dhaabbata Mootummota gamtoomanii waggoota kurnaan keessatti ji’a qabanne kana hanqinni baajata guddaan qaqqabeera jedhan.

Guuteerez hojiin dhaabbatichaa fi jijjiiramni gaggeeffamu balaa irra jiru, hanqinni maallaqaa dhaabbaticha mudate waan yaaddessadha jedhaniiru.

Biyyoota miseensa dhaabbatichaa keessa baajata guddaa kan rammaddu Ameerikaadha.

Maddi :- Aljeziiraa

Comments
Loading...