Fana: At a Speed of Life!

Preezdaantin Iiraaq ejjeenno Raayyaan Ittisaa biyyatti hiriirtoota irratti fudhataan morman

0 330

Finfinnee, Fulbaana 27, 2012 (FBC) – Preezdaantin Iiraaq Barhaam Saliih ejjeennoo Raayyaa Ittisaa biyyatti lammiilee mormiif addababba’itti  ba’an irratti fudhatan sirri miti jechuun morman.

Lammiileen Iiraaq malaamtummaa biyyatti keessatti raawwatamu, carraa hojii dhabamuu fi kenna tajaajilaa ilaalchisuun hiriira taasisaa jiru.

Magaalaa Baagidaad dabalatee magaalota gurguddoo biyyatti garaagaraa keessatti hiriirri gaggeeffamaa jira.

Raayyaan Ittisaa biyyatti hiriirtoota mormiif daanditti ba’an irratti ejjenno fuhdtaniin hanga ammaatti lubbuun lammiile 100 ol darbuu komishiniin mirga namoomaa beeksiseera.

Rayyaan Ittisaa biyyatti mormii kana to’achuuf ejjennoo hin barbaachiifne akka fudhate amaneera.

Kanaan walqabatee Preezdaantin Iiraaq Barhaam Saliih Raayyaa Ittisa ejjennoon isaan hiriirtoota irratti fudhatan mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu kan dorkudha jechuun komataniiru.

Erga Preezdantichi kara buufata teleevizhiini biyyoolessa biyyattin dabarsaniin gaffii hiriirtoonni kaasaan deebisuuf hojiiwwaan hojjiwwan garaagaraa akka hojjetaman himaniiru.

Bu’uuruma kanaan miinisteroonni ergama isaani hin bane akka jijjiraaman ibsaniiru.

Maddi:- Aljeziiraa

 

Comments
Loading...