Fana: At a Speed of Life!

Filannoo biyyoolessaarratti koonfaransiin idil addunyaa gaggeeffamaa jira

0 235

Finfinnee, Fulbaana 27, 2012 (FBC) – Filannoo biyyoolessaarratti koonfaransiin idil addunyaa gaggeeffamaa jira.

Koonfaranichi mata duree “Filannoo biyyoolessaa fi ga’ee qooda fudhattoota filannoo” jedhuun magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Waltajjii filannoo bara kana gaggeeffamuuf karoorfamerratti xiyyeeffatu kanarratti; paartileen siyaasaa, miidiyaalee fi qaamooleen dhimmi isaan ilaallatu biroo hirmaachaa jiru.

Bulchiinsa filannoo amanamaa ijaaruu, hawaasa sabdaneessa biratti filannoo amanamaa gaggeessuu, fooyyessa miseensa boordii biyyoolessaa fi qophii filannoo, adeemsa filannoo keessatti amanamtummaa horachuu, qooda fudhattoota waliin tumsaan hojjechuu, filannoo keessatti dirqama mootummaa fi mirga paartilee siyaasaa, rakkoolee mudachuu malanii fi furmaata isaanii, nageenya filannoo irratti mari’atamaa jira.

Preezdaant Saahilawarq Zawdeen haasaa baniinsaa taasisaniin filannoo baranaa bifa milkaa’aa ta’een gaggeessuuf muuxannoo biyyoota kaaniif qooddachuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Waltajjichi guyyootii lamaaf gaggeeffama.

Comments
Loading...