Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan Loltoota ishee Sooriyaa Kaabaatti argaman baasu eegalte

0 229

Finfinnee, Fulbaana 27, 2012 (FBC) – Preezdaanti Turkii Rasiip Xaayb Erdoohaan Ameerikaan Loltoota ishee Sooriyaa Kaabaatti argaman baasu akka eegalte himaniiru.

Loltoonni nageenya kabachiisaan kun naanniicha bahuu kan eegalaan preezdaant Erdoohaan dhimmicha irratti gita isaani Preezidaant Traamp waliin bilbilaan erga waliin haasa’ani booddedha jedhameera.

Yunaaytid Isteet fi Ankaaraan yeroo dhiyyoo as Sooriyaa kaabaa naannoo waraaana irra bilisa taatee uumuuf waliigalteera ga’uun isaani ni yaaddatama.

Waliigalticha hojiirra oolchuun Turki garee shororkaa hidhate naannicha socho’aa jiru balleessuf duula waraanaa gaggeessuf akka jirtu beeksiifteetti.

Ji’a onkololeessa kana Preezdaant Erdoohaan preezdaant Traamp waliin akka wal arganii mari’ataan ibsameera.

Maddi:- Rewutarsi

 

Comments
Loading...