Fana: At a Speed of Life!

Damee fayyaarratti qindoomina dhuunfaa fi mootummaa cimsuuf hojjetamaa jira jedhame

0 97

Finfinnee, Fulbaana 26, 2012 (FBC) – Damee fayyaarratti qindoomina dhuunfaa fi mootummaa cimsuuf hojjetamaa jiraachuu ministir deettaan Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaan himan.

Ministir deetittiin kana kan jedhan yaa’ii biiznasii fayyaa Afrikaa 4ffaa har’a Finfinneetti eegalamerratti.

Waltajjicharratti qindoomina damee fayyaa mootummaa fi dhuunfaa cimsuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Dawaalee deeggarsa qaamolee idil addunyaarraa harka mootummaatti argaman, maamiltoonni kan tajaajilaa qofa kaffalanii akka argatan ni taasifama jedhameera.

Tumsi waloo kunis hojii dhibeewwan daddarboo hin taanerratti hojjetamu bu’a qabeessa taasisa jedhameera.

Preezdaantiin Afrikaa Helz Keer; Amiir Saakar gama isaanitiin qindoominichaaf baay’en haasa’amuufis sadarkaa barbaadamurra hin geenye jedhan.

Preezdaantiin Federeeshinii Eegumsa Fayyaa Ityoophiyaa Maarqoos Fallaqaan gama isaanitiin, Ityoophiyaatti barbaachisummaan tumsa dhuunfaa baramuu qaba jedhaniiru.

Hirmaattonni biyyoota 50, dhibba 3 ol ta’anii fi qaamoleen damee fayyaarratti bobba’an 81 yaa’icharratti hirmaachaa jiraachuu Tigist Abrahaam gabaastetti.

Comments
Loading...