Fana: At a Speed of Life!

Afgaanistaan garee Taalibaan hidhatani socho’aan hedduu hidhaati gadhiifte

0 154

Finfinnee, Fulbaana 26, 2012 (FBC) – Afgaanistaan garee Taalibaan hidhatani socho’aan hedduu hidhaati gadhiisuun ishe himame.

To’annoo Afgaanistaan jala kan turaan gareen Taalibaan hidhataan socho’an hedduu hidhaati hiikamu hogganaan garichaa beeksise.

Gareen kun hidhaati hiikkamuu kan danda’aniif  Afgaanistaan bakka buutonni Ameerikaa hoggantoota olaanoo Taalibaan waliin magaala guddaa Paakistaan Islaamaabaadi marii erga taasisanii guyya tokko booddedha jedhame.

Kanneen hidhaati hikkamaan keessaa bulchaa bulchiinsa Kaabaa Dhihaa Kunaaraa kan turan Sheek Abduul Raahiim fi Maa’uliiv Raashiid kan ofkeessatti qabatedha.

Haata’uti Ministira Raayyaa Ittisa Afgaanistaanis ta’ee Waajjirri Preezidaant dhimmicha irratti waan ibsaan hin qaban jedhameera.

Maddi:- Aljeziiraa

 

Comments
Loading...