Fana: At a Speed of Life!

Ayyaana Irreechaa booruu fi iftaan kabajamuuf, dameen fayyaa qophii taasiseera jedhe Biiroon Fayyaa Oromiyaa

0 157

Finfinnee, Fulbaana 23, 2012 (FBC) – Ayyaana Irreechaa booruu fi iftaan kabajamuuf, dameen fayyaa qophii taasiseera jedhe Biiroon Fayyaa Oromiyaa.

Irreecha Hora Finfinnee Fulbaana 24 fi Harsadeetti Fulbaaana 25,2012 kabajamauuf qophii taasifameera jedhan itti aanaan hogganaa biirichaa Dooktar Abdulqaadir Galgaloo fi preezidaantiin Waaldaa Hakiimota Fayyaa Oromiyaa Dooktar Soolan Baqqalaan.

Namoonni hedduun ayyaana kana irratti waan hirmaataniif rakkoon fayyaa akka isaan hin mudanneef, of eeggannaan taasifamuu qaba jedhaniiru ibsa waloon laataniin.

Yoo akka tasaa rakkoon fayyaa nama mudateef biirichi ogeeyyii garee gareen gurmeessuun yaala barbaachisu kennuuf qophii xumureera.

Kana malees, Waaldaa Fannoo Diimaa Ityoophiyaa waliin ta’uun ambulaansii hedduu ramadamuusaa eeraniiru.

Gama biraatin dhaabbileen fayyaa godina addaa naannawaa Finfinneetti argaman guyyoota ayyaanni Irreechaa itti kabajaman kanneennitti banaa ta’uun tajaajila kan kennan ta’a.

Qaamonni nageenyaa fi foolleen ogeeyyii kanaaf tumsa barbaachisaa akka taasisan dhaamaniiru.

Namoonni rakkoon fayyaa isaan mudate tajaajila bilisaan akka yaalamuu danda’an dhaamaniiru.

Comments
Loading...