Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan waggaa 30 booda imbaasii ishee Somaaliyaa bante

0 149

Finfinnee, Fulbaana 22, 2012 (FBC) – Ameerikaan waggaa 30 booda imbaasii ishee Somaaliyaa bante
Hogganaan bara dheeraa biyyattii Saa’id Baareen bara 1991tti aangoo irraa erga kaafamee waraanni gosoota garaagaraa gidduutti dhalate.

Ergasii biyyi Gaanfa Afrikaa kuni hokkoraa fi lola gosoota gidduutti milishonni Islaamaa kaasaniin gaaga’ama hamaa keessa turte.

Ibsi imbaasii Ameerikaa irraa bahe, waggaa darberraa kaasee hariiroon dippiloomaasii magaala guddaa Somaaliyaa Moqaadishootti waan jabaateef embaasii banuun danda’ame jedha.
Somaaliyaatti Ambaassaaddara Ameerikaa kan tahan Doonaald Yaamaamootoo banamuun imbaasii kanaa ‘’murteessaa fi seena-qabeessa’’ dha jedhan.

Moqaadishootti bobbii dippiloomaasii seera-qabeessa taasisuu fi mootummaa federaalaa Somaaliyaaf beekkamtii kennuun gara fuulduraatti nu tarkaanfachiisa jedhan.

Ameerkaan Somaaliyaadhaaf maallaqa guddaa arjoomuun beekkamti.

Bara darbe qofa doolaara miiliyoona dhibba 7fi miiliyoona 30 gargaarteetti jechuun Rooyitars gabaaseera.

Gama garee Al-shabaab loluunis Ameerikaa fi Somaaliyaan michooma murteessaa tahe qabu.

Wiixata darbe gareen milishaa Al-shebaab buufata waraanaa Ameerikaa haleelaniitu ture.

Maddi:- BBC

 

Comments
Loading...