Fana: At a Speed of Life!

Gamoon Hoospitaala Waliigalaa Ekkaa Kootabee fi Inistiitiyuutii Qorannoo Fayyaa Sammuu Ityoophiyaa ifatti ebbifame

0 113

Finfinnee, Fulbaana 20, 2012 (FBC) – Gamoon Hoospitaala Waliigalaa Ekkaa Kootabee fi Inistiitiyuutii Qorannoo Fayyaa Sammuu Ityoophiyaa ifatti ebbifame.

Itti aanaa muummee ministiraa obbo Dammaqaa Makoonnan gamoo Hoospitaala Waliigalaa Ekkaa Kootabee fi Inistiitiyuutii Qorannoo Fayyaa Sammuu Ityoophiyaa ifatti ebbisiisuun hojii eegalchiisan.

Sirnicharratti ministirri Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Amiir Amaanis argamaniiru.

Hoospitaalichi sireewwan ciisichaa 350 kan qabu yammuu ta’u, kana keessaa 175 wallaannamtoota dhibee fayyaa sammuuf kan oolanidha.

Hoospitaalichi ogeeyyii fayyaa 350 fi hojjettoota hojii tumsaa 174 qaba.

Ijaarsi hoospitaalichaa Eebila 30,2002 kan eegalame yammuu ta’u, bara 2009 xumuramee tajajaila laachaa tureera.

Wallaannamtoota dhibee sammuu 28,624 fi yaala waliigalaatin ammoo wallaannamtoota 87,405; waliigalaan namoota 116,029 tajaajila yaalaa laatera.

Hoospitaalichi qaama Hoospitaala Speeshaalaayizdii Wallaansa Dhibee Sammuu Q/Amaanu’eeli.

Comments
Loading...