Fana: At a Speed of Life!

Dorgommii kaleessa galgala Doohaatti gaggeeffameen, meetira kuma 5n Ityoophiyaan injifatteetti

0 220

Finfinnee, Fulbaana 20, 2012 (FBC) – Dorgommii atleetiksii kaleessa galgala Doohaatti gaggeeffameen meetira kuma 5n Ityoophiyaan injifatteetti.

Muktaar Edriis daqiiqaa 12, sakandii 58 fi maayikiroo sakandii 85; 1ffaa ba’uudhan meedaaliyaa warqee argamsiisera.

Salamoon Baaraggaan ammoo dorgommichaan 2ffaa ba’uudhan meedaaliyaa meetii argamsiisera.

Xilaahuun Hayleen 4ffaa ba’uudhan xumureera.

Dorgommii shaampiyoonaa atleetiksii addunyaa 17ffaa Doohaatti gaggeeffamaa jiruun Ityoophiyaan meedaaliyaa warqee 1 fi meetii 2 argatteetti.

Ameerikaa, Chaayinaa fi Jaamaayikaatti aantee sadarkaa 4ffaarra teessetti.

Comments
Loading...