Fana: At a Speed of Life!

Atleetonni Ityoophiyaa maaraatoona Doohaarratti hirmaatan baatii 3f ittifaman

0 249

Finfinnee, Fulbaana 20, 2012 (FBC) – Atleetonni Ityoophiyaa dorgommii maaraatoonaa Doohaarratti hirmaatan baatii 3f ittifaman.

Atleetonni Ityoophiyaa shaampiyoonaa atleetiksii addunyaa 17ffaarratti dorgommii maaraatoonaarratti hirmaatan, qorannaan fayyaa fi bulchiinsaa baatii 3 amma godhamuufitti dorgommii kamirrattuu akka hin hirmaanne Federeeshiniin Atleetiksii Ityoophiyaa murteesse.

Hoggansi federeeshinichaa Doohaatti argame haala turerraa ka’uun murticharra ga’eera.

Murticharra darbee dorgommii kamirrattuu kan hirmaate adabbii cimaatu isa eeggata jedhameera.

Dorgommichaan atleetonni dubartootaa maaraatoonan Ityoophiyaa bakka bu’an hoo’inarraa kan ka’e adda kutuun isaanii ni yaadatama.

Comments
Loading...