Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan Ityoophiyaa waliin qindoominaan ni hojjetti jedhame

0 253

Finfinnee, Fulbaana 20, 2012 (FBC) – Ameerikaan Ityoophiyaa waliin qindoominaan hojjechuuf dameewwan xiyyeeffannaa adda baafachaa jiraachuu beeksiste.

Ministir deettaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Jamaal Bakar duursaa Koomiishinii Daldalaa Idil Addunyaa Ameerikaa fi ogeessa diinagdee Aleeksaandar Bii Haamar waliin mari’ataniiru.

Turmaata isaanitiinis dameewwan biyyoonni isaanii waliin hojjechuu danda’anirratti mari’ataniiru.

Ministir deetichi Ameerikaan bu’uuraalee misoomaa infoormeeshin koominikeeshin, carraa hojii uumuu teeknooloojii, daldala elektirooniiksii fi innooveeshiniirratti tumsa akka taasistu gaafataniiru.

Aleeksaandar Bii Haamar gama isaanitiin biyyi isaanii Ityoophiyaa waliin qindoominaan kan hojjettu ta’uu ibsaniiru.

Comments
Loading...