Fana: At a Speed of Life!

Karoorri qorannoo fi qo’annoo dawaa aadaa ifoome

0 145

Finfinnee, Fulbaana 19, 2012 (FBC) – Karoorri qorannoo fi qo’annoo dawaa aadaa ifoome.

Beekumsa yaala dawaa aadaa kunuunsuun ceesisuuf qorannoo fi qo’annoon gabbisuun ni barbaachisa jedhameera.

Karoorri qorannoo fi qo’annoo dawaa aadaa har’a bakka ministirri Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Amiir Amaan argamanitti ifoomera.

Dooktar Amiir karoorichi yaala aadaa saayinsii ammayyaadhan deeggaruu, faayidaasaa gabbisuu, miidhaa yaala keessa qaqqabu hir’isuu fi yaala ammayyaa waliin qindeessuuf kan karoorfatedha jedhaniiru.

Waltajjii marichaarratti qooda fudhattoonni dhimmi isaan ilaallatu hirmaachaa jiru.

Comments
Loading...