Fana: At a Speed of Life!

Inistiitityuutiin Toonii Bliyar hojiirra oolmaa traanisfoormeeshinii diijjiitaalaa Ityoophiyaa akka deeggaru beeksise

0 260
Finfinnee, Fulbaana 16, 2012 (FBC) – Inistiitityuutiin Toonii Bliyar hojiirra oolmaa traanisfoormeeshinii diijjiitaalaa Ityoophiyaa akka deeggaru beeksise.
 
Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Injiinar Geetaahuun Makuriyaa muummee ministiraa duraanii Ingiliiz Toonii Bliyar waliin hojiirra oolmaa traanisfoormeeshinii diijjiitaalaarratti mari’ataniiru.
 
Ityoophiyaan tarsiimoo diijjiitaal traanisfoormeeshinii kan qopheessite yammuu ta’u, baatii 1tti xumuramuun hojiirra akka oolus Dooktar Injiinar Geetaahuun ibsaniiru.
 
Tajaajila intarneetii gandaa fi aanaa waliin ga’uu, hojii daldala salphaa, damee tuuriizimii teeknooloojidhaan deeggaruu, beekumsa diijjiitaalaa guddisuu, daldala kallattii intarneetii(i-koomeersii) fi carraa hojii damee teeknooloojiirratti kan xiyyeeffatudha.
 
Inistiitiyuutiin Toonii Bliiyar hojiirra oolmaasaatif kan deeggaru ta’uu Toonii Bliyar ibsaniiru.
Inistiitiyuutichi Ityoophiyaa keessatti Koomiishinii Carraa Hojii Uumuu, Koomiishinii Invastimantii, IT Paark Hawaasaa, qorannaa fi hojii gorsuu daldala alaarratti Waajjirri Muummee Ministiraa gaggeessu tumsaa jira.
Comments
Loading...