Fana: At a Speed of Life!

Yemeen keessatti daa’imaan miiliyoonni 2 barnoota irraa adda ba’aniiru – UNICEF

0 378

Finfinnee, Fulbaana 14, 2012 (FBC) – Sababa waraanan daa’imaan Yemeen keessatti argmaan miiliyoonni  2 barnoota irra adda ba’uu Mootummoota Gamtooamniitti Dhaabbanni Ragaa Daa’imanii (UNICEF) beeksiseera.

Kanneen keessa ¼ kan ta’an bara Faranjoota 2015 Ebla 2 eegalanii barnoota isaani kan adda kutaan ta’uuibsameera.

Ibsa UNICEF baaseen barsiisonni miinda waggaa lamaa waan hin arganneef, kanaan walqabatee daa’imaan biroo miiliyoona 3.7 dabalataan barnoota isaani irraa akka adda ni kutu soda jedhu ibseera.

Miidhaa manneen barnoota irratti raawwatamu, buqqa’insi fi walitti bu’insoonni yeroodha gara yerootti raawwattu sababoota barattoonni barnoota isaani akka adda kutaniif isaan saaxiludha jedhame.

Baratoonni barnoota isaani dhiisuun gara waraanatti akka galaniif dirqisiifamaa kan jiran ta’uu ibsameera.

Akka ragaa UNICEF dhiyyeessetti daa’imaan miiliyoona 1.8 nyaata sadarkaa isaa hin eegneef saaxilamaniiru.

Maddi:- Aljaziiraa

 

 

Comments
Loading...