Fana: At a Speed of Life!

Fiigichi Irrecha Hora Finfinnee nagaan xumuramuu Komishiniin Poolisii Finfinnee Beeksise

0 335

Finfinnee, Fulbaana 11, 2012 (FBC) – Fiigichi Irrecha Hora Finfinnee mata duree “ Irreechi Nageenyaaf” jedhuun har’a gaggeeffame nagaan xumuramuu Komishiniin Poolisii Finfinnee Beeksise.

Fiigichichi nagaan akka xumuramuuf hirmaattonni dorgommichaa, qopheessitoonni dorgommichaa, qaama nageenya hunda fi keessumattu hawaasni tumsa olaanaa taasisuu isaanii Komishiniin Poolisii Finfinnee beeksiseera.

Hawaasni qaama nageenyaa waliin ta’uun tumsa taasistaan kana cimsitanii akka itti fuftan jechuun komishiniin Poolisii Finfinnee waamicha dhiyyeessera.

Komishiniin Poolisii Finfinnee fiigichi kun nagaan akka xumuramuuf qaamoleen tumsa taasisaan mara galateeffataniiru.

Comments
Loading...