Fana: At a Speed of Life!

Tajaajilli Geejibaa fi Loojastiiksii Galaanaa Ityoophiyaa bu’aa Birrii biiliyoona 1.7 argate

0 239

Finfinnee, Fulbaana 10, 2012 (FBC) – Dhaabbanni Tajaajila Geejibaa fi Loojastiiksii Galaanaa Ityoophiyaa bu’aa Birrii biiliyoona 1.7 argachuusaa beeksise.

Bu’aan argame kunis bara baajataa 2011tti.

Hoji raawwachiisaa olaanaan dhaabbatichaa obbo Roobaa Magarsaan har’a karoora bara 2012 ifoomsaniiru.

Dhaabbatici bara darbe meeshaa toonii miiliyoona 4.5 daddeebiseera.

Kana keessaa tooniin miiliyoonni 2 qamadii fi xaa’oo gara biyyaa galfamedha.

Bara baajataa 2011tti rakkoolee mudatan hiikuun, bara baajataa 2012tti meeshaa toonii miiliyoona 7.5 geejibsiisuuf karoorfameera jedhaniiru.

Qoonjiit Zawdeetu gabaase.

Comments
Loading...