Fana: At a Speed of Life!

MM Dr Abiyyii fi obbo Shimallis abbootii Gadaa waliin mari’atan

0 662
Finfinnee, Fulbaana 10, 2012 (FBC) – Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadii fi itti aanaan preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan abbootii Gadaa fi jaarsolii biyyaa Oromoo waliin mari’atan.
 
Waltajjichaan kabaja ayyaana Irreechaa fi dhimmoota biroorratti mari’ataniiru.
Irreechi ayyaana nageenyaa, jaalalaa fi tokkummaa waan ta’eef nagayaan kabajamuun akka irra jiraatu ibsameera.
 
Ayyaanichi ulfoo Oromoo fi qabeenya biyyoolessaa ta’uun ibsameera.
Irreechi nagayaan akka kabajamu abbootii Gadaa Oromoo waamicha dhiyeessaniiru.
 
Gaaffilee misoomaa fi jijjiirramaa waltajjichaan ka’aniif muummee ministiraa fi itti aanaa preezdaantichaatin deebin laatamee waliigalteerra ga’ameeras jedhameera.
 
Ityoophiyaanota biyyattii waliin ta’uudhan aadaa, duudhaa fi afaan Oromoo guddisuuf ni hojjetamaanis ibsameera.
 
Dooktar Abiy Irreechi nagayaa fi bifa tokkummaa calaqqisiisen akka kabajamu hawwii isaanii ibsaniiru.
 
 
 
 
Comments
Loading...