Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan nageenyaa addunyaa kabajamaa jira

0 123

Finfinnee, Fulbaana 10, 2012 (FBC) – Guyyaan nageenyaa addunyaa kabajamaa jira.

Guyyaan nageenyaa addunyaa biyyoota miseensa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii biratti waggaa waggaadhan Septeembar 21(Fulbaana 10) kabajama.

Guyyichi mata duree “Jijjiirrama qabeenya qilleensaa ittisuun nageenyaf” jedhuun kabajamaa jira.

Ministeerri Nageenyaa guyyicha ilaalchisuun ibsa baasen eegumsa naannoorratti hojjechuudhan jijjiirrama qabeenya qilleensaa ittisuun ni barbaachisa jedheera.

Kun ammoo nageenya naannoo, ummataa fi biyyaa mirkaneessudha jedheera.

Jijjiirramni qabeenya qilleensaa yaaddoo addunyaa waan ta’eef, irratti hojjechuudhan ittisuuf yaa tumsinu jedheera.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii bara Faranjootaa 2015 galmoota misooma waaraa raggaasise 17 keessaa tokko jijjiirrama qabeenya qilleensaarratti hojjechuudha.

Guyyichis har’a sadarkaa addunyaatti kabajameet oola.

Comments
Loading...