Fana: At a Speed of Life!

Guyyaa sabaa fi sablammootaa 14ffaa Oromiyaatu qopheessa

0 219

Finfinnee, Fulbaana 10, 2012 (FBC) –Guyyaan sabaa fi sablammootaa 14ffaa qopheessummaa Oromiyaatin Finfinneetti gaggeeffama.

Jijjiirrama akka biyyaatti dhufe hordofuudhan, rakkoolee mudatan bifa hiikuun danda’amuun ayyaanicha kabajuuf qophiin taasifamaa jira jedhameera.

Af yaa’iin Mana Maree Federeeshinii aadde Keeriyaa Ibraahiim akka beeksisanitti, ayyaanichi bara 1999 eegalee kabajamaa jira.

Qophii ayyaanichaarrattis af yaa’onni manneen maree naannolee salganii, bulchiinsota magaalaa lammanii fi dhaabbileen federaalaa biroo mari’ataniiru.

Ayyaanichi heerri mootummaa ragga’ee waggaa 25ffaatti kan kabajamudha.

Laykuun Alamtu gabaase.

Comments
Loading...