Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Mirga Namoomaa gamaaggama Ityoophiyaan dhiyeessite raggaasise

0 406

Finfinnee, Fulbaana 9, 2012 (FBC) – Manni Maree Mirga Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii gamaaggama Ityoophiyaan dhiyeessite sagalee guutudhaan raggaasise.

Ityoophiyaan gamaaggama marsaa 3ffaa dhimma waqtaawaa idil addunyaa dhiyeessiteetti.

Manni Maree Mirga Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Jeeneevaa; Swiizarlaanditti walga’iisaa 42ffaa gaggeessaa jira.

Manni marichaa gabaasa gamaaggamaa Ityoophiyaan dhiyeessiterratti ega mari’atameen booda sagalee guutudhaan raggaasiseera.

Walga’icharratti bakka buutonni Ministeera Dhimma Alaa FDRI fi Abbaa Alangee Waliigalaa hirmaataniiru.

Jilichis jijjiirrama hoggansa muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadiin dhufaa jirurratti ibsa laatera.

Hawaasni idil addunyaa jijjiirramichi akka dhugoomu deeggarsa taasiseef jilichi galateeffatee, tumsichi akka itti fufu gaafateera.

Hirmaattonni waltajjichaas jijjiirrama Ityoophiyaatti dhufaa jiru jajjabeessaniiru.

Manni marichaa bara Faranjootaa 2006 eegalee Koomiishinii Mirgoota Namoomaa bakka bu’ee qabiinsa mirga namoomaarratti hordoffii taasisuudhan, deeggarsa teeknikaa fi ijaarsa humna namaa taasisuurratti argama.

Bara hojii waggaa 3; tokkoon miseensummaan biyyoota 47 kan hammatedha.

Comments
Loading...