Fana: At a Speed of Life!

Huwaaween bilbila sochootu haaraa appilikeeshinii Googilii hin fudhanne ifoomse

0 155

Finfinnee, fulbaana 9, 2012 (FBC) – Dhaabbanni guddaa Chaayinaa elektooniksii oomishu Huwaaween bilbila sochootu haaraa appilikeeshinii Googilii hin fudhane ifoomseera.

Huwaaween Chaayinaa fi Ameerikaa waldhabdee daldalaa keessaa seenuun walqabatee, oomisha isaa gara fuuldura irratti appilikeeshiniin Googilii fi tajaajiltoonni biro kennaan akka hin fayyadamne ugguruu isaa ni yaadatama.

Sababa kanaan Huwaaween appilikeeshinii Googilii bakka bu’uu kan danda’u filannoowwaan biroo haaraa oomishuu eegaluu beeksiftee turte.

Yeroo ammaa kana dhaabbatichi appilikeeshinicha kan hin fudhanne “Huwaawee Meet 30” mogga’e bilbila haaraa hojjechuu isaa beeksiseera.

Bilbilli ismaartii haaraan kun appilikeeshinoota akka Yuutuubii, Jimeeyli, Googili Maap fi appilikeeshininoota Googilii akka hin qabne ta’uu ibsameera.

Maddi:- BBC

 

Comments
Loading...