Fana: At a Speed of Life!

Cuukkoon meetira kuma 4 dheeratu qophaa’aa jira

0 227

Finfinnee, Fulbaana 9, 2012 (FBC) – Ayyaana Irreecha Hora Finfinnee Fulbaana 24 kabajamuuf Cuukkoon meetira kuma 4 dheeratu qophaa’aa jira.

Nyaata aadaa Oromoon keessummaa itti simatuu, yeroo cidhaa fi ayyaanaa qopheessu keessaa cuukkoon isa tokkodha.

Irreecha Hora Finfinnee jaarraa tokkoo oliif adda citee ture, bara kana Fifinneetti irreeffatamu sababeeffachuun Cuukkoon dheerinni isaa kiiloo meetira 4 ta’u qopheesuun galmee raajii addunyaarratti beeksisuuf Finfinneetti hojjetamaa jira.

Namoonni hojicharratti hirmaataa jiran guyyaatti meetira 300 ol hojjechaa akka jiran Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti himaniiru.

Hojii cuukkoo kanaaf dhadhaan kiiloon kuma 3 fi daakuun garbuu kuntaalli 22 qophaa’era.

Daakuu bassoof qophaa’e kiiloo 10 irratti dhadhaa kiiloo 7 naquun hojjetamaa jira.

Hirmaattoonni irreecha seena qabeessa Hora Finfinnee Fulbaana 24 irratti argaman, cuukkoo qophaa’aa jiru kana namni tokko giraama 37 hanga 39 argata.

Cuukkoon qophaa’aa jiru kunis bassoon erga dhaadhaan sukkuumamee tolee booda xuxxuqaa irraa bilisa akka ta’uuf, pilaastikaan saamsameera.

Amartii Tasfaayee fi Yidinaqaachew Hayilaamaariyamtu gabaase.

Comments
Loading...