Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin farra dawaalee si’eessituu lammaaffaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira

0 105

Finfinnee, Fulbaana 8,2012 (FBC) – Yaa’iin farra dawaalee si’eessituu lammaaffaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

 

Daayreektarri olaanaan obbo Makoniin Yidarsaal gabaasa raawwii hojii dhiyeessaan irratti mariin taasifameera.

 

Yaa’icha irratti haasaa baniinsa kan taasisaan Profesar Akliiluu Azaazhi bara Faranjoota 2018 Ityoo Naadoo qaama dhimmi ilaalu waliin qindoomuun sagantaa farra dawaalee si’eessituu uumuun biiroowwaan ispoortii naannoolee hunda keessa jiran ogeessoonni itti waamamni isaanii farra dawaalee si’eessituu ta’anii akka hojjetaniis sochiin eegalamee ture jedhan.

 

Atleetoota, qaama miidiyaa, ogeeyyoolii ispoortii fi gaggeessitoota waliin qindaa’uun hojjetamaa tureera jedhan.

 

Sirna barnoota Ityoophiyaa keessatti farri dawaalee si’eessituu sirna barnoota keessaa galee bara 2012 irraa eegalee akka kennamu ibsaniiru.

Comments
Loading...