Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Baahir Daar -Zeemaawanz – Falagabirihaan ebbifame

0 112
Finfinnee, Fulbaana 8, 2012(FBC) – Daandiin kiilo meetira 175 Baahir Daar -Zeemaawanz – Falagabirihaan ebbifame.
 
Ijaarsi daandii Baahir Daar -Zeemaawanz – Falagabirihaan bara 2005 kan eegalee yoo ta’u, baasii Birrii biiliyoona 2.4 gaafateera.
 
Daandichas itti aanaan muummee ministiraa obbo Dammaqaa Makoonnan, ministirri Ministeera Geejibaa aadde Daagmaawiit Moogas, preezdaantiin naannoo Amaaraa obbo Tamasgeen Xiruunah, ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Gadduu Aandaargaachaw, hoggansi federaalaa fi nananichaa ebbisaniiru.
 
Hoggansi olaanaa federaalaa fi naannoo Amaaraa jiraattota Bichanaa waliinis mari’ataniiru.
 
Waltajjichaan dhimmoota haala waqtaawaa fi proojaktoota ebbifamanirratti mari’ataniiru.
Comments
Loading...