Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan fi Emmireetonni Arabaa Gamtooman damee raayyaa ittisaarratti waliin hojjechuuf mari’atan

0 156

Finfinnee, Fulbaana 8, 2012(FBC)- Emmireetonni Arabaa Gamtoomanii fi Ityoophiyaan damee raayyaa ittisaarratti waliin hojjechuuf mari’atan.

Eetaamaajoorri Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI Jeneraal Aadam Mahaammad gitasaanii Emmireetota Arabaa Gamtooman Leetanaal Jeneraal Hamad Mahaammad Taanii Al Rumaaytii waliin mari’ataniiru.

Turmaata isaanitiinis biyyoonni isaanii haala damee raayyaa ittisa biyyaarratti waliin hojjechuu danda’anirratti mari’ataniiru.

Damichaan qindoominaan hojjechuun bifa danda’amurratti haasa’aniiru.

Leetanaal Jeneraal Hamad Mahaammad Taanii Al Rumaaytiin Ityoophiyaa daawwachaa jiru.

Damichaan faayidaa Ityoophiyaa fi Emmireetota Arabaa Gamtooman kabachiisuuf qindoominaan hojjechuurratti mari’ataniiru.

Eetaamaajoorichi jila isaanii duursuni Ityoophiyaa kan dhufan.

Comments
Loading...