Fana: At a Speed of Life!

Gibts haariroo Sudaan waliin qabdu akka cimu ni barbaaddi- Preezidaant Al Siisi

0 148

Finfinnee, Fulbaana 8, 2012 (FBC) – Preezidaantin Gibts Abdal Fataah Al Siisi biyyi isaanii hariiroo siyaasaa fi diinagdee Sudaan waliin qabdu caalumatti akka cimsuu akka barbaaddu himaniiru.

Muummeen Ministira Sudaan Abdallaa Haamdook guyyaa kaleessaa daawwannaa hojiif Gibts Kaayroo galaniiru.

Bu’uuruma kanaan Muummeen Ministira Abdallaa Haamdook Preezidaanti Gibts Abdal Fataah Al Siisi waliin hariiroo biyyoota lameenii fi dhimmoota kanaan walqabatu irratti mari’ataniiru.

Marii isaanii kanaanis Ministirri Dhimmaa Alaa Sudaan Asmaan Abdallaah biyyi isaanii hariiroo dame garaa garaan qabdu bifa cimaan akka itti fuftu waliigaluu isaanii himaniiru.

Dureewwaan lameen haala nageenya naannoo isaanii, Sudaan tarree biyyoota warra shoroorkeeshitoota deeggaraan keessaa akkamiin akka baatuu fi dhimmoota addaddaa irratti mari’ataniiru.

Preezidaanti Abdal Fataah Al Siisi Gibts biyyaa olla dhiyoo kan taatee Sudaan waliin hariiroo siyaasaa fi diinagdee qabdu caalumatti cimsuuf waadaa seenteetti.

Biyyoonni lameen waliigaltee kanaan dura dame qonnaa, humna eleektirikii, ijaarsa bu’uuraalee misoomaa fi damee garaagaraa waliin hojjechuuf waliigalaan gara hojiitti jijjiiruuf fulduraatti marii kan taasisaan ta’uu gabaasichi ibseeera.

Maddi:- Sudantribune

 

Comments
Loading...