Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti dhaabbilee gatii hin malle dabalanirratti tarkaanfin fudhatame

0 215
Finfinnee, Fulbaana 8, 2012 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti dhaabbilee qaala’iinsa gatiitif sababii ta’an irratti tarkaanfiin fudhatame.
 
Sadarkaa itti aanaa kantiibaa Finfinneetti qindeessaan klaastara hawaasummaa fi hogganaan Biiroo Daldalaa fi Indaastirii Injiinar Indaawwaq Abbiteen akka jedhanitti magaalattiitti dhaabbilee daballii gatii hin malle taasisan irratti tarkjkaanfin fudhatameera.
 
Haaluma kanaan Biiroon Daldalaa fi Indaastirii Finfinnee dhaabbilee daldalaa 609 saamsera.
 
Dhaabbilee daldalaa kuma 2 caalaniif ammoo akeekkachiisni kennameera.
 
Biirichi gochaa seeran alaa akkanaa ittisuu fi to’achuuf qaamolee dhimmi isaan ilaallatu waliin qindoominaan ni hojjetas jedhameera.
Comments
Loading...