Fana: At a Speed of Life!

Waamamni Yuunvarsiitii Meetroopooliitaanii Kootabee ministeerichaaf ta’e

0 255

Finfinnee, Fulbaana 7, 2012 (FBC) –Waamamni Yuunvarsiitii Meetroopooliitaanii Kootabee Ministeera Saayinsii fi Barnoota Olaanoof akka ta’u murtaa’e.

Kanaan dura waamani yuunvarsiitichaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetif ture.

Murtichas kaabineen bulchiinsa magaalichaa walga’ii idilee 29ffaasaa Qaammee 2,2011 gaggeessen sagalee guutudhaan raggaasiseera.

Dhaabbatichi hojii kan eegale bara 1951 yoo ta’u, bara 1967 bakka amma argamutti dabarfamuudhan tajajaila barnootaa laachaa tureera.

Waggaa sagalii as ammoo sadarkaa yuunvarsiitiitti guddatee barattoota kuma 14 ol ta’aniif leenjii laachaa jira.

Yuunvarsiitichi koolleejjota 3 fi muummee barnootaa(faakaaltii) 4n gosoota barnootaa 26 barsiisaa jira.

Comments
Loading...